Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Agarsiisi Aadaa Hawaasa Oromoo (Oromo Community Cultural festival) Magaalaa Melbourne Australiatti sirna ho’aan kabajame.

(Madda Oduu ABO/Arfaasaa 21,2008) Ayyaaneffatni Agarsiisa Aadaa Hawaasa Oromoo (Oromo Community Cultural festival) guyyaa kaleessaa mudde 21,bara 2008 magaalaa Melbourne Australia keesatti do’atamaa ooluu odu-gabaasaan MOA(Madda Oduu ABO) Austraalia irraa beeksise. Agarsiisa Aadaa Oromoo waldaa hawaasa Oromoo Austraaliyaan qopheessame kana irratti do’attootni dhibboota hedduun lakkaayaman irratti argamanii jiru kan jedhe odun MOA kun keessattuu do’attootni alagaa Oromoo hin beekne hedduun hiree kanaan akka saba Oromoo fi Oromyaadhaan wal baran taasisamuus ibsee jira. Ayyaaneffata Agarsiisa Aadaa Oromoo walakkeessa magaalaa Melbourne bakka “Federation Square” jedhamutti waaree booda s’aa 1:00- 7:00 galgalaatti geggeessamaa ture kana irratti agarsiisi aadaa Oromoo golee Oromiyaa hunda irraa do’iif dhihaatee akka jiru maddi oduu kun ibse.

Agarsiisi baasaa (fashin show), agarsiisa da’immanii fi uffannaa aadaa Oromoon dirreen kuulamee, do’ii maalalchiisaa akka ture maddi oduu MOA kun ibsee, keessattuu maxxansaan adda addaa Oromoo, Oromiya aadaa Oromoo, haalaa fi maalummaa jireenya saba Oromoo ibsan heddumminaan do’attoota alagaaf raabsamuu ibsee jira. Aartistootni baandii Oromoos agarsiisa kana akkaan ho’isaa ooluutti dabalee Alaabaan Oromiyaa fi Australia, karaa (dandii) guddaa magaalichaa irratti maxxansamee ija kara deemtotaa fi imaltoota hedduu harkisaa oolee jira.

Karaa biraan suuraaleen garaagaraas rakkoo saba Ormoo irra biyya isaa keesatti irra gahaa jiran calaqqisiisan haalan maxxanfamanii keesummoota ayyaana kanaan kan daawwataman yemmuu tahu  meeshaan aadaa Oromoo golee Oromiyaa irraa dhihaates kan dawwattoota maalachiise ture. Akasumas qabeenyaa Oromoiyaan qabdu keessaa tokko kan ta’e qophiin beeksisa Buna Oromiyaas qaamuma agarsiisa kanaa keessaa tokko tahee dhihaatee  Oromoo fi Oromiyaa beeksisuu keessatti gahee guddaa qabaateera. Kunis dubartootni Oromoo bakka qophii kanaaatti buna qopheessuudhaan lammiin biyyichaa yeroo ta’anii dhugan waa’ee buna Oromiyaa irraa ibsa bal’aan kennamuufii ibsamee jira. 

Ayyaaneffata agarsiisa aada Oromoo kana irratti Ormootni heddumminaan naannolee akka Sydney fi biyya Newzealand irraa argamanii irratti hirmaachuu odu-gabaasi nu dhaqqabe ibsee jira.  Qophiin hawaasa Oromoo Australia kun sab Oromoo bakkichatti argame hunda kan hamilachiisee fi gammachiise ture jedha oduun nu gahe. Akka kanaan namootni waltajjiitti bahanii dhaadannoolee garaagaraa kan akka Oromiyaan ni bilisoomti, Nagaan Oromoo fi Oromiyaaf, Injifattnoon Ummata Oromoof kan jedhan fi kkf dhageessisaa turuun ibsamee jira.

Ayyaaneffatni agarsiisa Aadaa Oromoo kun sochiilee qabsoon Oromoo argamsiise keessaa tokko oggaa tahu eenymmaa saba Oromoo mul’isuuttis akka gumaacha ol-aanaa gochaa jiru odu-gabaasaan madda Oduu ABO kun dabalee beeksisee jira.

IUOf!

GGB ti!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net